Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gondar Keessaa Namoonni Qe’ee Ofii Irraa Baqataa Jirra jedhu


Walakkeessa Gonderii fi aanaalee naannoo jiran keessa baatii onkoloolessa darbee qabee sabatiinsi dhabamuu isaan hojii barsiisuu irratti kanneen boba’an dabalatee hojii dhiisanii gamasii baqachuu dubbatu.

Zoonii walakkeessa Gonderii fi itti gaafataaan qajeelcha barnootaa obbo Masfin Irkaab akka jedhanitti waaltaalee maallqaa irraan kan hafe waajjiraaleen mootummaa kanneen biroon hojii dhaaban illee keessumaa walitti bu’iinsi sun hojii baruu fi barsiisuu irratti dhiibbaa guddaa uume jedhan.

Waaltaaleen barnootaa martinuu cufamanii barattoonni kuma 5 fi barsiistonni kuma tokko ta’an barumsa dhaabaniiru jedhan.

Waggaa baranaa naannoos ta’e sadarkaa biyyaatti kan kennamu qormaata biyyoolessaa fudhachuuf barattoonni foormii hin guunne.

Itti gaafatamaan dhimmootii kominikeeshinii naannoo sanaa obbo Assemaaheny Asres VOAf akka ibsanitti yeroo ammaa naannoo sana keessa buqqaatota kuma 91tu argamu.kanneen kana deebisanii qubsiisuuf qarshii biliyoonaan laka’amutu barbaachisa jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:19 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG