Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummee Ministira Itoophiyaa fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Hawaasa Iluu Abbaa Booraa Wajjin Mari'atan


Muummee Ministira Itoophiyaa Doktor Abiyyi Ahmadii fi Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa qaamolee hawaasaa Godina Iluu Abbaa Booraa irraa bakka bu’an waliin magaalaa Mattuutti akka mari’atan beekame.

Muummeen Ministirichaa Gabaa Oomisha Itoophiyaa Damee Mattuu yeroo eebbisan, Man-kuusaa Ammayyaa ijaaruufis dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Marii hawaasaa Mattuu Yunivarsiitiitti adeemsifame irratti hirmaattotni gaaffilee garaa garaa kaasanii gama pireezidaant Lammaa fi Doktor Abiyyiin deebiin itti kennameera.

Muummeen Ministira biyyattii yeroo Iluu Abbaa Booraa daawwatu kun isa jalqabaatis jedhameera. Gabaasaa Naakoor Malkaa Ambo irraa erge caqasaa.

XS
SM
MD
LG