Xurree ittiin seenan

Breaking News

AngawoonniDirree Dawaa Hawaasa Waliin Marii Gaggeessan


Bulchiinsa Dirree Dawaa keesatti baatii tokko dura angawoonni haaraa muudaman hawaasa waliin marii gaggeessanii jiru.Torban dabree immo maanguddoota biyyaa, abbotii amantii, hawaasa daldalaa, Dargaggoota, Dubartoota fi hayyoota waliin dubbatn.

Har’a immoo ogeessoota Artii fi midiyaa waliin waltajjii 6 irratti marii gaggeessaniin rakkoo gurguddaa bulchiinsa naannoo keessaa adda baafachuu fi waan furmaata ta’u lafa ka’atan.

Waltajjii kana gaggeessaa kan turan itti aanaa kantibaa Obbo Mahaadii Giree aangawoonni mootummaa itti gaafatamoo ta’an eenyu iyyu yoo ta’e seera gararraa miti jedhu.

Yoo balleessine ni gaafatamna kanneen biros yoo balleessan ni gaafanna jedhan.Mariin marsaa 6n gaggeeffame Kana irraa waan argame hojii irra kan oolana ta’u kan ibsamee yoo ta’u Roobii borii waltajjii walii gala akka jiraatu ibsamee jira.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG