Pirezidaanti Dr.Nagaasoo Gidaadaa Ebla 27,2019 Firaankiferti,Jermenitti lubbuu dhabe.
Itoophiyaa gadda guyyaa tokkootii fi akka Dr., Nagaasoollee ulfina waranii biyya itti dhufuun awwaalan hajaje.
Reefii pirezidaanti Nagaasoo Jermen Firaankiferiti bahee bori ganama akka Itoophiyaa saatii 11:55tti diida Xuyyuura Boolee gaha.Maatii fi bulchoota mootummaatti bahee simata.
Sanbata guddaa Iftaan jechuu akka Itoophiyaatti saatii 1-5:30tti mana jireenna isaatii fi hospitaalatti qophii akka akkaatti jira.
Gaafasuma saatii 5:30 haga saatii 8 reefii pirezidaanti Nagaasoo galma Bara-kumee dhufa achitti reeffa laalanii jibbaatan.
Achii ammoo awwaalaaf fulaa awwaalaa ka Finfinnee Phaawuloos geessan. Achii saatii sagalitti awwaala.
Pirezidaanti Nagaasoo bara 1943 Dambii Dooloo,Wallaggaatti dhalte. Bara 1995 haa 2001 pirezidaantii Itoophiyaa tahee hojjachaa bahe.Bara 2005 jalqabee ammoo paartii momituu fulaa bu'ee hojjcahaa bahee eegee siyaasaa ufi irraa dhiise.
Dr Nagaasoon abbaa ijoollee sadiitii dhibuma duruu wallaanachaa baheeniin ganna 75tti Jermen Firaankiferitti lubbuu dhabe.