Xurree ittiin seenan

Breaking News

Birgaadeer Jeneraal Asaaminew Tsigee Eenyu?


Yaalii fonqoolcha mootummaa magaalaa Bahir Daar keessatti gageeffame wal qabatee qindeessaniiru jechuun maqaan isaanii dubbatamaa kan jiru Birgaadeer Jeneraal Asaamineew Tsigee eenyummaan isaanii fi maaliif haleellaa kana akka qindeessan gaaffii uumee jira.

Bara 2009 bulchiinsa mummicha ministeeraa Mallas Zenaawwii jalatti humnootii nageenyaan qabamanii hidhaman.Himannaan irratti dhiyaatee turees mootummaa garagalcuuf shiran kan jedhu ture.Qondaaltoota waraana 20 ta’an waliin hidhaa umrii guutuutu irratti murame.

Garu mummichi ministeera Abiyyi Ahmad aangoo eega qabatanii booda Birgaadeer Jeneraal Asaaminew hidhaa baasuun maallaqa sorataan argachuu malan kennisisanii mootummaa isaanii keessa akka hojjatan godhan.

Itti gaafatamaa waajiira nagaa fi nageenya bulchiinsa naannoo Amaaraa kan turan Jeneraal Asaaminew baatilee dhiyeenya kanaa keessa mufannaa mootummaa Federaalaa irratti qaban hammeessaa fi jeechoota jajjaboo dubbataa turan.

Dhuma irratti ajjeechaa kana qindeessan jedhamuun dubbatamaa kan jiru yoo ta’u wiixata Waxabajjii 24 bara 2019 humnootii nageenyaa jalaa miliquuf ituu yaalanii naannoo Baahir Daarti ajjeefamuu gabaafamee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:03 0:00

XS
SM
MD
LG