Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Koo Tokkummaa Wal Danda’uu fi Waliin Hojjechuutti Amana: Ilma Jeneraal Tsa’aare


Xumura torban darbee waardiyyaa isaaniin kan ajjeefaman reeffi ajajaa humnoota waraanaa Itiyoophiyaa jeneraal Saa’iree mekonninii fi kan soorata ba’an Ge’aazii Abarraa har’a galma mileniumii keessatti sirni geggeessaa godhameefii jira.

Jeneraal Saa’ireen jijjiiramni biyyattii keessatti jalqabame uummata Itiyoophiyaaf faayidaa inni qabu dursuu dhaan qooda gama isaanii kan ba’an bu’aa ba’ii baay’ee keessa darbuun akka ta’e seenaa jireenya isaanii irraa hubatameera.

Itti aanaa ajajaa humnootii waraana Itiyoophiyaa kan ta’an Janaraal Biraanuu Julaa sirna kana irratti haasawaa dhagesisaniin biyyi keenya hogganaa akkasii qabaachuu ishee boonuu qabdi jedhan.

Jeneraal Tsa’areen waan isaan ajjeesisuu waan hin qabaneef ajjeefamuun isaanii nu mufachiisee jira jedhan.

Kaayyoo inni ka’e fixaan baasuun kanneen isa ajjeesan fedhiin isaanii akka hin milkoofne murannoon qabsoofna jedhan Jeneraal Biraanuu Julaa.

Abbaan koo tokkummaa wal danda’uu fi waliin hojjechuu irratti kan amanu lammii Itiyoophiyaa ture kan jedhe ilmi jeneraal se’aree-Ma’aashoo Saa’iree waan du’eef biyyi ni diigamti jechuu miti jedhee jira.

Sirna kana irratti prezidaant Saahilework Zewdee fi muummichi ministeeraa Abiy Ahimed argamaniiru.

Gabaasa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:50 0:00

XS
SM
MD
LG