Biqiltuun har’a guutummaa biyyattiitti dhaabame qofti rekordii ammaan dura Addunyaa ture cabse jira, jedha Koreen Biqiltuu Dhaabuu ka Biyyaalessaa
Kasnneen Finfinneetti argaman – hoogganoonnii fi hojjetoonni dhaabbatoota sadarkaa Addunyaa, duula biqiltuu dhaabuu har’a geggeessametti hirmaachuun isaanii himamee jira.
Tokkummaa Mootummootaatti, Komishinni Dinagdee Afrikaa – ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ergeen, itti-gaafatamtoonni hojii Koomishinichaa, ka Gamtaa Afrikaa fi hooggannii fi hojjetoonni Embaasiilee adda addaa har’a Paarkii Bashannanaa Gullalleetti argamuudhaan, biqiltuulee dhaabuu isaanii beeksisee jira.
“Ashaaraa Magarisaa Itiyoophiyaa” ka jedhame – sagantaan biqiltuu dhaabuu kun, baatii Caamsaa dabree, muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. A biyyi Ahimediin ifatti labsamuu isaa kan eere – ibsi Koomishina Dinagee Afrikaa, ka Tokkummaa Mootummootaa irraa bahe kun, kaayyoon isaa, mukeenii fi bosonaalee waggoota hedduu keessatti dhabaman bakka-buusuu akka tahe dubbata. Barreessaan Koomishina Gamtaa Afrikaa, ka Tokkummaa Mootummotaa – Veeraa Soonguwee, carraaqqii gama kanaan godhamaa jiru dinqsiifatanii jiran.
Itti-galawwan misoomaa waaraa Tokkummaan Mootummootaa lafa keeyyate keessaa tokko, jijjiirama qilleensa naannoo Addunyaa mudate dura dhaabbachuu fi haala qabinya qabeenyaa uumamaa fooyyessuu akka tahe hubachiisuudhaan, toora kanaa Itiyoophiyaan Afrikaa hoogganaa jirti – jedhan.