Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaf Tokko “Biyya Kootti Deebi’een Barsiisa” Jedheen Abdadha: Barsiisaa Moraa Baqataa Keessa Jiraatan


Obbo Taarikuu Garbii fi maatii isaanii
Obbo Taarikuu Garbii fi maatii isaanii

Barsiisaa Taarikuun yoo dubbatan, biyyaa baqachuuf ka na geessise Waldaa barsiisotaa keessatti mirga barsiisotaaf falmuu kootii jedhu.

Biyyaa kan baqatan waggaa kudha tokko dura yoo ta’u amma biyya keeniyaa Buufata baqataa Keessa jiraatu. Abbaa ijoollee Afurii, ogummaan ammoo barsiisaadha. Obbo Taarikuu Garbii, dhalataan Oromoo buufata baqataa Dadaab keessa jiraatan ‘yoo waaq jedhe gaaf tokko biyya kootti galeen hojii barsiisuutti deebi’aa jedhu’ Haala jiruu fi jireenyaa keessa jiran; odu gabaasaa VOA Naayroobii Galmoo Daawit’tti himanii jiru.

Gaaf Tokko “Biyya Kootti Deebi’een Barsiisa” Jedheen Abdadha: Barsiisaa Moraa Baqataa Keessa Jiraatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00

Kan dhalatan Godina Hoorro Guduruu naannoo Abuunitti’. Barumsa ka sadarkaa tokkoffaa Jaardagatti, ka sadarkaa lammaffaa ammo Saqalattii baratani. Bara 1999 Dhaabbata leenjii barsiisotaa Agarfaa irraa erga eebbifamanii booda agarfatti deebi’anii ganna kudhaniif hojii barsiisummaarra turan Barsiisaa Taarikuu Garbii.

Gaaf Tokko “Biyya Kootti Deebi’een Barsiisa” Jedheen Abdadha: Barsiisaa Moraa Baqataa Keessa Jiraatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:43 0:00

‘Buufata Baqataa Keessatti Hojjetanii Ofiin Of Bulchuu’ – Baqattoota Oromoo Dadaab Jiraatan

Har’a garuu isaani fi haati warraa aadde Immebeet Xaasew ijoollee bultii keessatti waliin horan duuka Buufata baqataa Dadaab Hagadeeraa jiraatuKaaba Baha Keeniyaa.

Barsiisaa Taarikuun yoo dubbatan, biyyaa baqachuuf ka na geessise Waldaa barsiisotaa keessatti mirga barsiisotaaf falmuu kootii jedhu.Obbo Taarikuun abbaa ijoollee afuriiti, yoo jalqaba dhufan kophaa Dadaab gahan. Aadde immebeet haadha warraa barsiisaa taarikuuti. Jiruu baqaa keessatti ijoollee guddisuun baayyee ulfaataadha rakkisaa ta’u dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG