Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Gaddisiisaan Na Mudatus Lafan Ga’uu Qabu Irraa Ana Hin Hambifne: Shamarree Mihirat Kadir


Suuraa Master Mihirat Kadir guyyaa Fiigicha Ireechaa kaate. [Miidiyaa hawaasummaa irraa fudhatame]
Suuraa Master Mihirat Kadir guyyaa Fiigicha Ireechaa kaate. [Miidiyaa hawaasummaa irraa fudhatame]

Ijoollummaa ishee qabee Isportii akka jaallataa turte kan dubbatte shamarree Miihrat Kadir kubbaa miillaa tapahataa eega turtee booda barattuu kutaa afurii yeroo turte gosa Isportii Tekewaandoo jedhamu jalqabuu dubbatti.

Waggootii hanga tokko booda garuu harmeen ishee akka jabaatti waan dhukkubsataniif jecha rakkoo guddaan akka ishee mudatee ture yaadatti.

Achuuma Arsii Nagallee keessatti dorgommii adda addaa keessatti hirmaachuun injifattee badhaasa argattuun harmee ishee wal’anssa fayyaa akka argatan gochaa turte.

Dhuma irratti garuu harmeen ishee lubbuun hafuuf hin carroome. Achumaan qormaata kutaa 12 dabartee yunivarsitii Finfinnee haga seentuutti obbolaa ishee shanan guddisuun itti gaafatama kan biraa dabaleef.

Yunivarsitii seentee digrii duraaf ennaa barattu kilaboota Tekewaandoo adda addaa keessa seenuun maallaqa argatteen obboolaa gargaaruu itti fuufte. Oboleettiin ishee makkiyaa Kadir jedhamtu barumsaaf Yunivarsitii Gondar seenuun amma eebbifamtee kilabii kubbaa milaa shamarranii Faasil Kanamaaf taphataa akka turte ibsitee jirti.

Obbolaan ishee kanneen biroonis kubbaa miillaa akka tapahatan kan dubbattee mihirat fiigicha Irreechaa torban darbee irratti dandeetti Tekewaandoo agarsisuun ishee qalbii namaa hawatee jira.

Kanneen sadarkaa kana akka geessu ishee fi maatii ishee gargaaran mara galateeffattee rakkoon na mudatus sadarkaa kana ga’eera jette.

Mihirat yunivarsitii Finfinnee mooraa siddist Kiloo keessatti barsiiftuu akkasumas achumatti barattuu digrii lammaaffa ti. Kana malees Tekewaandoon hojii tola-oltummaa gaggeessaa jirti.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Haalli Gaddisiisaan Na Mudatus Lafan Ga’uu Qabu Irraa Ana Hin Hambifne: Shamarree Mihirat Kadir
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:42 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG