Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gochii Rawwatame Dogoggora: Obbo Shimallis Abdisaa


Faayilii - Prezidaantii Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, Obboo Shimallis Abdiisaa

Gochii Jawaar Mohammed irratti halkan kaleessaa gaggeffame sun Dogoggora ta’u Itti aanaan prezidaantiin Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa sabaa himaa mootummaaf ibsanii jiru.

Dogoggora kana eenyu akka raawwate maaliif galgalaan gochuun akka barbaachise qoratamee tarkaanfiin fudhatama jedhan.Haala har’a uumameen kanneen lubbuu ofii dhabaniif mootummman naannoo oromiyaa gaddi itti dhaga’amuu ibsanii hiriira har’a gaggeeffameen Oromiyaa dirree walitti bu’iinsaa gochuuf humnootiin barbaadan gocha safuu hin qabnee fi bifa amantii fi gosaa akka qabaatu taasisan jedhan.

Rakkoo mudachuu malauu hubachuun mootummaan Jawaariifis ta’e namoota alaa irraa biyya seenaniif eegumsa kan godhu ta’ukan ibsan Obbo Shimallis gochii gaddisiisan har’a rawwatamu ibsan.

Maanguddoota biyyaa fi abbotiin amantii dhimmi kana tasgabeessuuf qooda fudhataniifis galateeffatanii jiru.

Jawaar Mohammad yeroo ammaa haala nagaa keessa akka jiruu fi eegumsii godhamuufis itti fufa jedhanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG