Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Waldiyaa Keessatti Haleellaa Raawwatameen Lubbuun Barattoota Lamaa Darbuun Mirkanaa’e


Sambata kaleessaa jechuun Sadaasa 09 galgala Yuniversitii Waldiyaa keessatti balaa uumameen lubbuun barattoota lamaa darbuu Yuniversitichi poolisii fi barattoonni akkasumas mootummaan naannoo Oromiyaa mirkaneessee jira.

Barattoota Yunivarsitii Waldiyaa kannee nuti dubbisne keessaa barataan tokko akka nuuf ibsetti barataan tokko gamoo irraa darbamee du’e, isa kaan immoo reebanii ajjeesan jedha.

Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii godina Dessee kaabaa komaander Habtaasmuu Siisaay VOAf akka ibsanitti walitti bu’iinsa yeroo gabaabaaf tureen jeequmsi ka’e, battala tasgabaa’e jedhanii lubbuun barattoota lamaa darbuu amanan. Mootummaan naannoo Oromiyaas gama isaan haleellaa barattoota irratti raawwatameen lubbuun barattoota keenyaa darbeera, kanneen badii dalagan irratti mootumman Federaalaa ka naannoo Amaaraa waliin hojjechuun murtiitti ni dhiyeessa jedhan.

Gabaasa guutuu caqasaa

Yunivarsitii Waldiyaa Keessatti Haleellaa Raawwatameen Lubbuun Barattoota Lamaa Darbuun Mirkanaa’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:01 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG