Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasii Haaraan Koronaa Irraatti Angawaan Jaarmayaa Addunyaa fi Kan Chaayinaa Dubbatanii Jiru


Namoota biyya adda addaa kanneen Chaayinaa keessa turan hojiin gara biyya isaanti deebisuu kun vaayrasii lubbuu namaa galaafataa jiru Koronaa akka faca’uu gochuu mala jechuun Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa akeekkachisee jira.

Gabaasnii jaarmayaa fayyaa addunyaa akka jedhutti Chaayinaa keessatti namoonni 4428 dhukkubichaan kan qabaman yoo ta’u kanneen keessaa 106 du’an boqotan.

Namonni kanneen biroo 45 immo biyyoota 13 keessatti vaayrasii kanaan qabamuun isaanii ibsamee jira.

Qondaalli jaarmayaa Fayyaa addunyaa Tedros Adhanoom prezidaantii Chaayinaa Shii Ping fi aangawoota sadarkaa olaaanaa Chaayinaa waliin guyyaa hedduuf Beejing keessatti mari’ataa turan.

Angawoonni lameen rakkoo vaayrasiin Koronaa lammiwwan Chaayinaa fi lammiwwan biyya alaa kanneen Chaayinaa keessaa attamiin eeguun akka danda’amuu mari’atan.

XS
SM
MD
LG