Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shaambuutti Miseensonni ABO, Gindabaratitti Miseensonni KFO Hidhaman Jedhame


Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuutti Aadde Caaltuu Taakkelee Abeetuu dabalee miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo lakkoobsi isaanii hin beekamiin hidhamuu, maatii keessaa VOAtti himanii jiran.

Poolisiin magaalaa Shaambuu immoo, “Nama hidhattoota Bosona jiran wajjin hariiroo qaba jennee shakkine hiine” jedhe.

Oduudhuma wal-qabateen, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaratitti miseensonni fi deggertoonni paartii mormituu – ka Kongirasii Federaalistii Oromoo 24 hidhamuu, namoota torban darbe hiikaman keessaa tokko Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran.

Hoogganaan Poolisii Aanaa Gindabarat waa’ee kanaa gaafatamanii “Namoota Shiftaa qallaban qabne” jedhe.

Caqasaa

Shaambuutti Miseensonni ABO, Gindabaratitti Miseensonni KFO Hidhaman Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:37 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG