Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa fi Dhiittaalee Mirga Dhala-namaa Oromiyaa Keessatti Deemsisamaa jira, jedhan Balaaleffachuun Dhalattoonni Oromoo Hiriira Baban


Dhalattoonni Oromoo Waashington Diisii Keessatti Hiriira Baban

Dhalattoonni Oromoo Waashingiton Diisii fi naannawa ishee jiraatan, ajjeechaa fi dhiittaalee mirga namoomaa Oromiyaa keessatti geggeessamaa jira – jedhan balaaleffachuudhaan har’a Masaraa Mootummaa Waayit Haawus, Waajira Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisii fi Baankii Addunyaa fuul-duratti hiriira mormii bahanii jiran.

Biyyattiin gara filannootti dhihaataa waan jirtuuf yeroo nageenyii fi tasgabbiin baay’ee barbaachisaa tahee jirutti, Raayyaan Itisa Biyyaa Itiyoophiyaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa keessumaa, godinaalee Wallaggaa, Gujii fi Booranaa keessatti ajjeechaa fi dhiittaalee mirga dhala-namaa hamaa uummata nagaa irratti deemsisaa jira, jechuun balaaleffatan – hiriirtonni kun.

Qeerroo fi qarree dabalatee namoonni kuma kurnaan lakkaawaman mannneen hidhaa keessatti dararamaa jiru, barattoonni Oromoo Yunivarsitiilee keessaatti ajjeesamaa jiru, garii immoo barnoota irraa hari’ataman, jedhu.

Tajaajilli bilbilaa fi interneetii Oromiyaa gama Lixaa irraa kutamee, uummatni wal-quunnamtii dhabuun akka gidiraa keessa jirullee dubbatu.

Ajjeechaa fi Dhiittaalee Mirga Dhala-namaa Oromiyaa Keessatti Deemsisamaa jira, jedhan Balaaleffachuun Dhalattoonni Oromoo Hiriira Baban
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG