Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootni Dhaabbatoota Barnootaa Ol’aanoo Irraa Hari’ataman Rakkoo Jireenyaa Hamaa Keessatti Kufne, Jedhu

Barattootni dhaabbatoota barnootaa adda addaa keessaa barnoota irraa hariytaman haala rakkisaa keessaa akka jiranii fi rakkoon jireenyaa hamaan kan isaan mudate tahuu dubbatu.

“Balleessaan keenya maal akka tahellee otuu nutti hin himamiin karaa irraa qabamnee eega hidhaatti darbamnee booda, achii baasamnee akka mooraa barnootaa gad-lakkisnee deemnu taasisammne,” jechuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan barattoonni tokko tokko.

Keessamaa barattoonni maatiin isaanii gara Oromiyaa Lixaa tanan tajaajilli bilbilaa fi interneetii naannawa sana irraa cituu isaa irraa kan ka’e warra isaanii quunnamanii maallaqa geejjibaa argachuullee akka dadhaban himatu. Baay’een yeroo ammaa magaalaa Fifinnee keessa jiru.

Ministarri Saayinsii fi dhaabbatoota barnootaa ol’aanoo immoo tarkaanfiilee barsiisoo ta’an barattoota balleessaan irratti argame irratti fudhachuun itti fufa, jedha.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Barattootni Dhaabbatoota Barnootaa Ol’aanoo Irraa Hari’ataman Rakkoo Jireenyaa Hamaa Keessatti Kufne, Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:32 0:00

XS
SM
MD
LG