Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faca’ina Vaayrasii Koronaa Hanqisuuf Maal Gochuutu Barbaachisa? Gorsa Ogeessaa


Kan haaraa Chaayinaa keessaa ka’ee Vaayrasiin Koroonaa Jedhamu lubbuu namaa galaafataa jira. Vaayrasiin Koronaa beeleedaalee irraa gara namaatti kan dabree ta’uu kutaa yunaaytid Isteetes kan taate Jorgiyaa Atlaantaa keessatti waajiira eegumsa fayyaa Konyaaf itti gaafatamaa kutaa dhukkuboota daddabraa kan ta’an Dr. Sintaayehu Badhaanee ibsanii jiru.

Mallattoon namni Vayrasii Koronaan qabamee agarsiisu ho’i qaamaa namaa dabaluu, qufaa fi afuurri namaa ciccituu ykn afuura nama kutuu ta’uun ibsamee jira.

Vaayrasiin Koronaa yeroo dhukkubsataan haxxifatuu fi qufa’uu funyaanii fi afaan keessaa jiidhi qilleensa irratti faca’uu akkasumas waan dhukkubsataan qabee fi tuqe namni biraa yeroo tuqu kan daddabru ta’uu Dr. Sintaayoon ibsanii jiru.

Kana ittisuuf harka ofii bishaanii fi saamunaan akka gaariitti ituu hin dhiqatin qaama ofii tuttuquu ykn waa qabuu dhiisuu, nama dhukkubsate waliin walitti dhufeenya jiru dhaabuun barbaachisaa dha.

Namnii dhukkubsate immoo lafa hojii, mana barnootaa waluumaa gala lafa uummata waliin itti wal argu kam irraa iyyuu citee mana ofii keessa ooluu qaba.

Gaaffii fi Deebii Gaggeeffame Caqasaa.

Faca’ina Vaayrasii Koronaa Hanqisuuf Maal Gochuutu Barbaachisa? Gorsa Ogeessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:26 0:00


XS
SM
MD
LG