Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaannisi ammas Booranatti margaa fi midhaan balleessaa jira


Faayilii - Intala Hawaannisa ariitu, Jigjigaa, Naannoo Somaalee
Faayilii - Intala Hawaannisa ariitu, Jigjigaa, Naannoo Somaalee

Hawaannisi kibba oromiyaa weeraraa jiru ammas keessumaa godina booranaa aanotii hedduu keessatti balaa geessisaa jira.

Hoomaan hawaannisaa kibba Oromiyaa keessumaa godina Booranaa weeraraa jiru ammas ittuma jira.

Hawaannisi ammas Booranatti margaa fi midhaan balleessaa jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00

Biyyoottan ollaa keeniyaa fi Somaaliyaarraa gara Booranaatti ka godaanaa jiru hoomaan hawaannisaa kun kaleessaa fi harrallee godina booranaa aanotii Elwallee fi mi’oo keessatti mullatee midhaanii fi marga loon duraa balleessuu angawootni aanotlee lameenii VOA’f himaniiru. Obbo jaarsoo Boruu bulchaa aanaa Elwayyeeti.

Jiraattonni naannoo hoomaa kana ariyachuuf yaalanis wanni kun humna ummataa ol tahe mootummaanis waan kana to’achuuf jecha xayyaara ramadus weerarri kun hin dhaabbne jedhan.

Haaluma kanaan kaleessaa kaasee boorana aanaa Mi’oottis hoomaan hawaannisaa mullate biqila fi midhaan nyaataa faca’ee diida jirurra balaa geessisee jira. Bulchaan aanaa mi’oo obbo Jirma Bilisoo hawaannisi kun marroo sadaffoof aanaa isaanii weeraruu dubbatan.

Waajjirri Qonnaa fi Eegumsa qabeenya uumamaa Godina booranaas weerara kana dhaabuuf mala karaa aadaatii fi xiyyaaraanis qorsa hawaannisa kanatti biifuutti jira.

Mohaammed Abbaa Koodaa hoogganaan waajjirichaa akka jedhanitti, hoomaan kun hedduu waan ta’eef humna namaan ariyachuu ncimaa dhufeera jedhan. Kanaafis mootummaan xayyaara ramadee qorsa itti biifaa jiraachuu dubbatanii sunis naannoo quubsuma ummataatti raawwatamuu waan hin qabneef ammas sun rakkoo fiduulele dubbatu. Kanaafis tarkaanfiin xiyyaaraan qorsa biifuu of eeggannoo cimaa barbaadaa jedhan.

Gama biraan obbo Mohaammed kan dubbatan waan warra midhaan jelaa hoomaa hawaannisaa kanaan manca’eeti kanaanis namootni kun adda baafamanii akkaataa gargaarsi itti kennamuuf ilaalaa jirraa jedhan.

Weerarri hawaannisaa Godina Booranaa gandoota 81 keessatti mullachuus dabalanii himanii jiru.

Jimaata darbe jaarmayaan Qonna fi midhaan nyaataa addunyaa FAO’n weerarri hawaannisaa gaanfa afriikaatti mudataa jiru naannochatti rakkoo hanqina midhaan nyaataaf sababa ta’uu malaa jechuun shakkii qabu gabaasa isaan ibsuunsa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG