Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasii Koronaa Ni Injifanna: Prezidaantii Chaayinaa


Prezidaatiin Chaayinaa shii piing vaayrasii Koronaa kan isaan “seexana” jedhanii waaman sana irratti duula gaggeessinuun ni injiifanna jechuun dhaadatan.

Vaayrasiin kun Chaayinaa keessatti lubbuu namoota 106 kan galaafate yoo ta’u chaayinaa fi addunyaa irratti namoota kuma hedduu qabatee jira.

Prezidaantiin Chaayinaa dhaadannaa kana kan dhageesiisan hogganaa jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Tedros Adhanoom waliin eega dubbatanii booda har’a ta’u madden oduu mootummaa Chaayinaa beeksisanii jiru.

Vaayrasiin akka seecanaatti moggaasana kun akka dhokotee hafuuf carraa hin laannuuf jechuun prezidaantiin Chaayinaa Dr. Tedroositti himan.

Beejiing keessatti yeroo jalqabaaf namnii tokko vaayrasii Koronaan kan du’e ta’uun gabaafamee jira.Chaayinaa keessatti lakkoobsii namoota vaayrasii Koronaan qabaman 4500 kan caalu ta’uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG