Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaa Keessatti Lakkofsii Namoota Du’anii Dabalaa Jira


Chaayinaan Hospitaala siree kuma tokko qabu kan namoota vaayrasii Koronaan qabaman keessatti wal’antu har’a bantee jirti.

Chaayinaa qofa keessatti kanneen Vaayrasiin Koronaan qabaman kuma 17, 200 kan ga’an yoo ta’u hanga har’atti 361 du’aniiru.

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaaakka jedhetti namoota kuma hedduu irratti qorannaan gaggeeffame ba’iin isaa eegamaa waan jiruuf lakkoobsii dhukkubsattootaa dabaluuf jira jedhanii eegu.

Vaayrasiin Koronaa hedduminaan Chaayinaa keessatti kan jiru yoo ta’u namoonni 150 biyyoota adda addaa 23 keessatti dhukkubsatanii jiru.

Angawoonni Chaayinaa vaayrasiin kun akka fin facaane gochuuf jecha sochii kutaalee biyyatti hanaga tokkoo keessaa ugguruun manneen barnootaa fi bakka uummanni itti heddumaatu cufanii jiru.

Dilbata kaleessaa Filiphiinsii lammiin ishee tokko yeroo jalqabaaf vaaayrasii kanaan du’uu beeksiiftee jirti.

XS
SM
MD
LG