Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Ajjeechaan gaazexeessitoota fi ukkaamsi yaada offi ibsachuurra jiru ammas rakko Saba Himaalee Somaaliyaan qabani’ Amneestii Internaashinaal


Ajjeechaan gaazexeessitootarra dhaqqabuu fi ukkaamsi yaada ofii bilisaan ibsachuu dhohggamuun ammas Somaaliyaa keessatti rakkoo ta’ee akka jiru gartuun mirga dhala namaaf falmu AMneestii Intershnaal beeksise.

Gartuun kabaja mirga namaaf falmu Amneestii Internaashinaal, haalli nageenya gaazexeessitoota biyya Somaaliyaa, akkasumas ukkamsi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ammaa rakkoo keessa jira jedhe.

‘Ajjeechaan gaazexeessitoota fi ukkaamsi yaada offi ibsachuurra jiru ammas rakko Saba Himaalee Somaaliyaan qabani’ Amneestii Internaashinaal
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:14 0:00

Gabaasa Somaaliyaarratti xiyyeeffate harra Keeniyaa magaala Naayroobii keessatti yoo lakkisu akka beeksisetti Somaaliyaan keessatti harrallee gaazexeessitoonni ijjeefamaa akka jiran, mootummaan biyyattiis harka lafa jelaan mirga odeeffannoo argachuu dhiibaa akka jirus beeksisee jira.

Amnestii Internaashinaal waajjira baha fi kibbba Afrikaatti Direktera ka ta’an Depros Muchena SOmaaliyaa keessatti ajjeechaan gaazexeessitoota fi abbootii qabeenyaa saba himaalee biyyattii keessatti socho’anii irratti xiyyeefate raawwatamaa jiraachuu mirkaneeffaanneerraa jedhan.

Gabaasa harra dhiyaate kana ka gaggeessan Abdullaahii Hasan qorataan qabiinsa mirga namaa Amneestii ganna darbe ji’a Caamsa keessa gaazexeessitoonni Somaaliyaa nutti iyyaannaan qorannaa kana taasisne jedhanii erga Faarmajoon taayitaa yaabbataniillee gaazexeessitoonni 8 ijjeefamuu himan.

Gama biraatiin mootummaan Faarmaajoo gaazexeessitoota saba himaalee hawaasummaarrattis dhiibbaa itti fidaa jira. Amneestiin akka jedhetti dhiyeenya qofaa fulli feesbuukii gaazexeessitoota 16 dhiibbaa mootummaan geessiseen cufamuu himee; komii kana dhaabbatichaaf dhiyeessee duubarra fuulli feesbiikii gaazexeessitoota muraasaa banamuu beeksise.

Gabaasa isaa kanaan Amneestiin mootummaan Soomaaliyaa nageenya gaazexeessitootaa akka eegu, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuufis bakka akka kennu gaafateera.

XS
SM
MD
LG