Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘UNHCR buufata baqataa Keessaa nu ariye’ Baqattoota lammii Itiyoophiyaa Liibiyaa jiran


Baqattoonni Itiyoophiyaa Liibiyaa jiran UNHCR buufata baqataa keessaa tajaajila hin argattan jechuun nu ariye jechuun himatan. Dhalattoonni Oromoo hedduun buufata GDF jedhamu ka magaalaa Tiriipoolii keessa jiraatan torbee kaasee ajaji kun akka irratti darbe dubbatan.

Baqattoonni lammiin Itiyoophiyaa buufata baqattootaa Liibiyaa magaala Tiriipolii keessatti argamu jiraatan rakkoo keessa jirraa jedhu. Baqattoonni kun UNHCR dhaabbanni duraan isaan buufata baqataa GDF (gathering and departure facility) keessatti gargaaraa ture gargaarsa siniif gochuu hin danda’uu bahaa nuun jedhee jechuun Sagalee Ameerikaatti dubbatanii jiru. Baqattoonni kunneeni yoo dubbatan murteen nurratti darbe kun bakka lixaa nu dhabsiiseeraa jechaan dabalanii dubbatu.

‘UNHCR buufata baqataa Keessaa nu ariye’ Baqattoota lammii Itiyoophiyaa Liibiyaa jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:00 0:00

Baqattoonni buufata yeroo magaalaa Tiriipoolii keessa jiraatan kaan nageenyi biyyaa amansiisa miti kanaaf biyyatti deebi’uu hin feenu jedhu. Kanaafis dhaabbati UNHCR mirga koolu galtummaa gaafatanii jiraachuu keenya nuuf kabajuu qaba jechuunis gaafatu.

Garuu baqattoonni kun jaarmayaan UNHCr mirga baqattummaa keenya nu dhogges jedhu himannaa isaaniitiin. Komee baqattootaa kana dhaabbata baqataa UNHCR gaafannee deebii itti kennee jira. UNHCR dame Liibiyaa jirutti dubbi himaa dhaabbitichaa ka ta’an Taariq Argaaz; UNHCR buufata baqattoonni yeroof keessa jiraataa turan GDF ka cufe rakkoo nageenyaaf akka ta’e dubbatan.

Naannochatti qaamoleen hidhatanii fi mootummaan Liibiyaa walitti dhukaasuu maluu soda jedhuun baqattoota buufaticha keessa jiran gara giddu gala magaalaa Tiriipooliitti geeffamanii guyyaa guyyaa gargaarsa maluuf akka argatan taasisaa jiraachuus duubatan.

Komii baqattoonni lammiin itiyoophiyaa UNHCR mirga koolu galtummaa gaafannee jiraachuu nu dhorke jedhanis Mrs. Argaaz haalanii UNHCR yoo koolu galtoota kamiifuu tajaajila kennu qomoo biyya kamiirrayyuu qoqqobbii hin taasisuu jechuun deebisan.

XS
SM
MD
LG