Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaltoota Vaayrasii Koronaa Irraa Walaba Ta’anii fi Mallattoo Hin Agarsiifnee Donii Dhaabataa Turtee Keessaa Baafamaa Jiru


Vaayrasiin Koronaa akka hin facaane gochuuf jecha Donii imaltootaa buufata Donii Jaapaan irra torban lamaaf ka’amtee turte keessaa imaltoonni dhibba hedduun ba’u jalqabanii jiran.

Vaayrasiin Koronaa Chaayinaa keessatti lubbuu nama kuma 2 galaafachuun ni yaadaama.Donii torban lamaaf buufata Donii Yokohama dhabaattee turte kana keessaa Imaltoonni 500 ta’an Robii har’a Yokohama keessaa ba’u jedhamee eegama.

Angawoonni eegumsa fayyaa imaltootaa fi hojjattoota Donii Sanaa walii galaan namoota 3700 ta’an qophaatti kan ka’an imaaltoota kana keessaa tokko kan turee fi Hong kong keessatti namnii irraa bu’e vaayrasii Koronaan kan qabame ta’uun eega baramee booda.

Garu vaayrasiin kun akka hin facaane gochuuf yaaliin ta’e fashalee imaltoonni 542 vaayrasii Koronaan qabaman.

Kunis Chaayinaan ala lakkobsa namoota vaayrasichaan qabamanii isa guddicha ta’e jra.

Imaltoota vaayrasii Koronaa irraa walaba ta’anii fi mallattoon tokko iyyu kanneen hin agarsiifneetu Donii Daayaamand Priinsas jedhamtu kana keessaa akka ba’an ta’e jira.

XS
SM
MD
LG