Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tiwiiterin Odeeffannoo Dogoggorsaa Waa’ee Vaayiresii Koronnaa Tamsaasamu Hambisuuf Ulaagaalee Baasee


Dhaabbatni Miidiyaa Hawaasummaa guddichi, Tiwiiter, odeeffannoo dogoggorsaa waa’ee Vaayiresii Koronnaa tamsaasamu dura dhaabbachuuf jecha ulaagaalee haaraa baasee jira.

Maammiloonni Twiteriitti gargaaraman, akka maxxansa odeeffannoolee akka namoonni Vaayiresii Koronaatiin faalaman yokaan Vaayiresicha dadabarsan taasisuu malu haqan ka taasisu tahuu beeksise – Dhaabbatichi.

Maxxansaalee akkanaaf fakkeenyi odeeffannoolee akka qajeelfama ogeeyyiin fayyaa kennan hin fudhatamne taasisan, akkasumas kanneen mala of irraa ittisaa fi mala sakattaa’ama vaayiresichaa gatii dhabsisan tahuullee dubbatee jira.

XS
SM
MD
LG