Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Ka Biroon Haaraa Itiyoophiyaa Keessaa Vaayiresii Koronaan Qabame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Itiyoophhiaan nama vaayiresiin koronaa keessatti argame ka biroo haaraan argamuu mirkaneessite. Kunis lakkoobsa namoota vaayiresichaan qabaman sagaliin kan ga’e yoo ta’u shan lammiiwwan biyya alaa sadii immoo lammiiwwan Itiyophiyaa tii.

Instiitiyuutiin eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa akka jedhetti namni boodna vaayiresiin kun keessatti argame dubartii maanguddoo waggaa 85 yoo ta’an biyya alaa irraa deebi’an. Angawoonni mootummaa Itiyoophiyaa lakkoobsa dabalaa jiru, doorsisa lammiiwwan biyya alaa irratti geggeessamuu fi haal yeroo ka biroo ilaalchisuun tuuta oduuf ibsa kennu jedhamee eegama.

Gama biraan biyyoota Afriikaa 36 keessatti vaayiresiin kun kan argame yoo ta’u, walumaa gala namoonni 795 qabamaniiru. Akkuma kanaan Aljeeriyaa keessaa 82, Beeniin 2, Burkinaafaasoo 27,Kaameroon 16, Ripaablikii Afriikaa waaltaa 1, Chaad 1, Koongoo 1, Ekuwatooriyaal Giinii 4 Eswsaatinii 1, Itiyoophiyaa 9, Gaaboon 3 fi Gaambiyaa keessaa nama tokko irratti vaayresiin kun argamee jira.

XS
SM
MD
LG