Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa keessatti Guyyaa Tokko Keessatti Namnii 8 Vaayrasii Koronaan Qabaman


Sa'atilee darban 24 keessatti qorannaa laaboraatorii namoota 264 irratti gaggeeffamee keessaa 8 qabamuub beekame.

Kanneen qorannaan irratti gaggeffame kana keessaa tokko lammii Ertraa kanneen hafan martii kan Ititoophiyaati.

Warra vaayrasii Koronaan qabaman 8 keessaa 5 Dubaay irraa Itiyoophiyaa eega seenanii booda bakka qopheeffameetti hordoffiin irratti gaggeefamaa ture.

Shanan kana keessaa lama daa'iima baatii sagalii fi haadha ta'uun ibsamee jira.

kanneen hafan sadii immoo dubartii Itiyoophiyaa kan umriin 25 Taahilaand irraa Itiyoophiyaa seentee yoo ta'u namnii biraan umriin 19 immo seenaa imaltuu biyya alaa kan hin qabne ta;uun ibsamee jira.

Ishee saddeettafaan lammii Ertraa kan umriin 30 magaala Landan kan Briteen irraa dhuftee qorannaan irratti gaggeeffamaa ture jedhamee jira.

Namoota ammaan dura vaayrasii korannaan qabamanii turan keessaa 4 bayyaannataa akka jiran, lama gara biyya isaanti akka gaggeeffaman akkasumas namnii tokko immo lafa namoonni akka jabaatti dhukkubsatan ka'aman keessa jiraachuun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG