Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Qonsilaa Itiyoophiyaa Kan Losaanjalas Jiru Angoo Irraa Kaafaman


 Dr.Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii
Dr.Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii

Yunaaytid Isteets dhiyaa magaalaa Loosaanjalas keessa kan jiru qonsilaa mootummaa Itiyoohiyaaf aangawaa sadarkaa olaanaa kan turan Dr.Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii aangoo irraa kaafamuu odeeffannoon waajiricha biraa argame hubachisee jira.

Bulchiinsa jijjiramaa kan Itiyoophiyaan muudamanii waggaa darbee tokkoof kan hojjataa turan Dr.Birhaanamasqal maaliif aangoo irraa akka kaafaman odeefannoo hin qabnu jechuun qonsilaa Itiyoohiyaa Loosaanjalas jiru sanatti itti gaafatamaa dame dinagdee kan ta'an Obbo Muktaar Waaree Ibsanii jiru.

Ministriin haajaa alaa Itiyoophiyaa biraa qajeelfama kennameen xalayaan ergame Dr Birhanamasqal akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Bitooteessa 2 bara 2012 kaasee hojii irraa gaggeeffamuu ibsa jedhan.

Yeroof bakka isaanii bu'anii akka hojjataniif Obbo Muktaara Waaree muudamuu oduu gabaasaan keenya Daanii'eel Araagaaaw Loosaanjalas irraa gabaaseera.

Odeeffannoo dabalataa argannaan fudhannee kan dhiyaannu ta'uu beeksiifna.

XS
SM
MD
LG