Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saawudiin Lammiwwan Itiyoophiyaa Deebisuu Yeroof Dhiiftee Jirti: Ambaasaddar Abdulaaziiz Ahmad


Faayilii - Lammiwwan Itoophiyaa bara 2017 Saawudii Arabiyaa irraa biyyatti deebifaman kessaa
Faayilii - Lammiwwan Itoophiyaa bara 2017 Saawudii Arabiyaa irraa biyyatti deebifaman kessaa

Hanga xumuura turban dabreetti lammiwwan Itiyoophiyaa 2800 saawudiin gara Itiyoophiyaatti deebisuu ishee madden adda aaddaa gabaasaa turan,

Kanneen gara biyya ofiitti deebifaman kun eega weerara vaayrasii koroonaa ka'e booda daangaa yaman ce'uun Saawudii seenan ta'u Saawudiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa kan ta'an Obbo Abdulaaziiz Ahmad ibsanii jiru.

Kanneen karaa daangaa Yaman irraan saawudii seenan kun lakkofsii isaanii guyyaa guyyaan 200 hanga 300 akka ga'u ibsamee jira.

Itiyoophiyaan lammiwwan ishee kana simachuuf qophii barbaachiisu gochuuf yeroo kan barbaaddu ta'u waan gaafatteef hojiin biyyatti deebisuu kun dhaabachuun ibsamee jira.

Saawudiin Lammiwwan Itiyoophiyaa Deebisuu Yeroof Dhiiftee Jirti: Ambaasaddar Abdulaaziiz Ahmad
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:30 0:00


XS
SM
MD
LG