Xurree ittiin seenan

Breaking News

Affaar Keessaa Namni Vaayiresii Koronaan Qabame Jalqabaa Har’a Argame


Naannooo Affaar keessatti namni vaayiresii koronaan qabame tokko argamuutti aansuu dhaan mootummaan naannoo uummatichi hafuura gabiitiin adeemsa vaayiresii kana ittisuuf geggeessamu akka deggeru gaafatee jira.

Hoogganoonni mootummaa kan sadarkaa ol aanaa naannichaa akka ibsanitti naannoo sana keessatti hojiin ittisuu cimee hojjetamaa jira. Ministrittiin ministeera eegumsa fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee ibsa FB ofii irratti maxxansaniin har’a sadarkaa biyyaatti namoonni lama itti dabalaa vaayiresii koronaan qabamuu mirkaneessaniiru. Kana keessas tokko naannoo Affaar ta’uun beekmeera jedha gabaasi Mesfin Araage nuu erge.

XS
SM
MD
LG