Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Dr.Abiyyi Ahmad Baatii Fulbaana Dhufuu Qabee Attamiin Itiyoophiyaa Bulchuu Danda'aa? Mariitu Gaggeeffame


Muummee Ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahmad
Muummee Ministiraa Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahmad

Sababaa dhukkubu Kooviidiin kan ka'e filannoon guutuu biyyaa keessatti kan silaa baatii Hagayya bara 2020 gaggeeffamuuf ture hafuu isaa bordiin filannoo Bitooteessa 31 bara 2020 beesisee ture.

Baatiin Fulbaana kan bara 2020 yeroo xumuramuu mootummaan mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad bara aangoo isaa xumuura jechuun heerri Itiyoophiyaa lafa kaa'ee jira.

Kanaaf jecha Dr. Abiyyi Ahmad hogganoota paartii mormituu waliin marii gaggeessuu jalqabanii jiru.

Barri aangoo Dr. Abiyyi ennaa xumuramuu attamiin aangoo irra turuu akka danda'an seeraan ilaaluuf mariin kun waamame.

Mootummaan yaada dhiyeesseen,Barri aangoo Dr Abiyyi ituu hin xumuramiin dura paarlaamaa diiguu, Labsiin yeroo hatattamaa yeroo inni hojii irra itti oolu akka dheeratu gochuu,heera biyyatti foyyeesuu ykn manni marii Federeshinii akka heera biyyaatti dhimmi kun akkamitti akka ilaalamuu akkasumas hiikkaa isaa akka itti kennu gaafachuu kan jedhan qabxilee 4 dhiyeesse.

Waan ka'aman kana keessaa tokko irratti akka walii galluu nan amana jedhan Dr Abiyyi
Ahmad.

Mariin kunis kan itti fufee ta'u Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG