Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘VAAYRASII KOORONAA – Waatu Dabe’ Jedha Oromoon


Faayilii - Madha Galma; Booranaa Abbaa Gadaa from 1952 - 1960

Dhibeen kooronaa mudachuun ‘nami safuu cabsuu isaati’ jedha Oromoon jedhu Ayyaantonni, Abbootiin Gadaa fi Ogeessonni Seenaa fi dduudha Oromoo qoratan.

Kanaafis Abbootiin Gadaa waaq nutti araaram jedhanii waaqa kadhataa, achumaanis falataallee jiru. Abbaa Gadaa jiloo Mandh’oo, Korma qallee dhukkuba waaq nurraa dabarsi jennee yaayyu kadhannee jedhan. Qorattoonni seenaa Oromoos dhibeen akkasii ganda Oromoo keessatti mullataa akka ture himanii, yeroo kana Oromoon waan fala jedhe hedduu kaayaa ture jedhan.

‘VAAYRASII KOORONAA – Waatu Dabe’ Jedha Oromoon
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:08 0:00

Akka Dhugeeffanna Aadaa fi Duudha Oromootti dhibeen qorsa hin qabne, balaan cimaan lubbuu namaa baasu ka mudatu yeroo ‘namni safuu cabsu, karaa waaqirraa goru, hamtuuf gurra kennuu jedhee amana Oromoon jechuun dubbatu qorattoonni aadaa fi seenaa Oromoo quba qaban. Obbo Caalaa Soorii Abbaa caffee Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromooti; Yuubas.

Yoo dubbatan Obbo Caalaan, yoo roobi bubbee fi bakakkaan biyya miidhu, dhukkubi fala hin qabne dhufu abbootiin gada daba nami uume jedhame ilaallatu; ‘Waatu Dabee, namatu cubbuurraa fagaachuu dide, uumaa fi uumamatu waldhabee akkas ta’e’ jedha Oromoon waan ta’eef jedhu. Yeroo kanas jedhu Obbo Caalaan Oromoon ‘Ya waaq nu deebis jedhee waaqa kadhataa jedhan; kadhaan isaa kun of callaaf miti, ollaa bitaa fi mirgaa, mukaa fi bineensa akkasumas biqila lafarraa maraaf kadhataaa jechuun dubbatan yoo hibboon akkasii kun mudatu.

Giddu Gala Aadaa Oromoo keessatti Diireketerri Daayrektoreetii seenaa fi aadaa Obbo Alemaayyeehu Hayilee ‘llee wanni akkasii dhalachuun kun waan himu qaba jedhee amana Oromoon jedhu. Qorataan Seenaa Oromoo Obbo Alemaayyoon, wanni kun ‘dheekkamsa, bara hamaas jedhamee beekama, horiin ni dhumti, namnis dhibee fala hin qabneen lubbuu darbuullee dubbatu yeroo akkasii keessa.

Hayyoonni kun yoo dubbatan, kanaan durallee balaan wal fakkaatu, hammi isaa gar gar tahus dhaqqabee akka ture, abbootiin Gadaa, warri gadaan bulus falaan akka jelaa darbe dubbatu. Obbo Caalaa Soorii waan bara hamaa darbe yoo dubbatan yoo abbootiin keenya nuuf himan barri namni dhiphatee ture ‘Bara Shaanquxeeti’ jedhan. Bara kana akka barana Kooronaan bu’e kana dhibeen hamaan bu’ee, horiis namas fixe jedhan. Yeroo kana Oromoon tulluutti bahee akka kadhatellee dubbatan.

Aab Jaatanii Diida Roobaallee nama Gadaa Oromoo qoratu. Boorana keessatti bara Gadaa hedduu dhibeen akkasii mullatee nam hedduu lubbuu baasee jedhu.

Aab Jaataniin dabalanii bara Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaallee dhukkubi Tiittee Gurraachaa jedhan dhufee, horii hedduu ajjeese, san booda nami waan nyaatu dhabe beelli itti bu’ee jedhan. Obbo Jaataniin waan jedhan, bara Boorana keessaa nami hedduun hobba’e kan nami hafe wal barbaadee, balbalaan wal lakkaayee sanyii walii hambisee jedhan.

Bara balaan biyyaaf dhufe kana garuu Oromoon baras jiraatan kaan falataa kaan ammo mala hedduu dhahanii akka of oolchuuf yaalaa turan Obbo Alemaayyehu Haylee ni dubbatu.

Akka Obbo ALemaayyoon jedhanitti, Abbootiin Gadaa yeroo dhukkubaa kana mala dhahuu fi hawaasa gurmeessuurratti qooda guddaaa qabu. Tokko warra qabameef qorsi akka barbaadamu duula baasu, kaan ammo amala dhukkuba kanaa qorachiisu; yoo ka akka Golfaa faa namaa namatti dafee darbu

ta’uun barame dafanii nama dhibame adda baasanii yaalchisu. Kanarra darbee, manaan godaanuunillee, qe’ee dhukkubi itti mullatellee ibiddaan gubanii qe’ee fagaachuun akka jirullee dubbatan.

Bara Kooronaan dhufee biyya dhiphisaa jiru kanas Abbootiin Gadaa Oromoo kaan falataa jiru, kaan ammoo gumiin waaqa ka kadhataa jiranis jiru.

Jilo Mandh’oo Abba Gadaa Gujii’iiti. Isaanis dhibee kooronaa kana ilaalchisee yoo dubbatan dheekkamsa Waaqaatii jedhan. Kanaafis bara Gadaa kiyya wanni kun waan mullateef Korma Qalee ‘Fala’ Faladhe jedhu.

Jaatanii Diida qorataan Seenaa Oromoo dur Gadaan Raaga qabdi turtee jedhan. Raaga cimaan Areero Booseroo, kallattiin waan dhibee Kooronaa kana maqaa dhahee raaguu baatus, dhukkubi alaa manatti nama galchu, magaalaa keessaa gara baadiyyaatitti nama hadhu dhufuu akeekee ture jechaan VOA’f himanii jiran.

Harra Gadaan Ayyaantuu fi warra argaa dhageettii malee raaga hin qabdu, Aab Jaataniin waan jedhan garuu dhiyoo fuulduratti Gadaan warra Raagaa kana ofitti deebifachuuf jira, bakki warraallee iddoo ofiitti deebi’aa jedhan.

Kanas tahe san harra Eebla bara 2020 bara kura Jaarsoo Booranaa, Jiloo Mandh’oo Gujiitii, Goobana Hoolaa Tuulamaa, Hawaas Roobaa Karrayyuutii baallii Gadaa harkaa qaban kana Golfaa Sombaa ka fakkaatu Kooronaan addunyaarraa nama miiliyoona sadii ol qabee kuma dhibba lama ol galaafatee jira. Akka Ministeera Fayyaa Itiyiyoophiyaattis erga dhukkubi kun biyyattii keessatti mullatee as nami sadii lubbuun darbee, dhibechaan ka qabaman namni 126 ammoo adda baafamanii jiru.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG