Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Wallagga Lixaa Keessatti Namoota Nagaa Ajjeesan, Jedhu Maatii fi Jiraataan Naannoo 


Godina Wallagga Lixaa aanaa Laaloo Assaabiitti “humnootni naga-eegumsaa mootummaa namoota nagaa lama ajjeesan” jechuun maatii fi jiraattota naannoo keessaa dubbatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:53 0:00

Bulchaan aanaa Laaloo Assaabii Obbo Gammachiis Dabalata immoo "humna nageenyaa mootummaa nama nagaa karaarratti ajjeesu hin qabnu," jedhan.

Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa dhimma ajjeechaa Oromiyaa bakka garaa garaarraa komee dhiyaatu irratti yeroo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf bilbilaan deebii kennaniin, “ Namoota kan ajjeesu waraana Shanee shiftaa daggala galu, humni nageenya mootummaa nama nagaarratti tarkaanfii hin fudhatu" jedhan.

Balaaleffannaa mootummaan dhiyaatu kanarratti ajajoota Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaarraa deebii argachuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

XS
SM
MD
LG