Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirna Awwaalchaa Abbaa-qabeenyaa Oromoo Beekamaa Kabir Huseen Waaqoo Har’a Magaalaa Adaamaatti Raaw’atame 


Abbaan Qabeenyaa Oromoo beekamaa Obbo Kabir Huseen Waaqoo umurii isaanii waggaa 72tti kaleessa du’aan boqotanii har’a Magaala Adamaatti sirni awwaalcha isaanii raaw’atame.

Obbo Kabiir, abbaa qabeenyaa qonnaalee guguddoo ka turan yoo tahu, booda kana immoo magaalaa Adaamaatti hospitaala guddaa ijaaruun tajaajila kennaa turan.

Bifa adda addaan uummata isaanii gargaaruun, keessummaa uummata manaa fi qehee ofii irraa buqqa’an gargaaruun nama baay’ee beekamani.

Sirna awwaalcha isaanii har’aa irratti maatii fi firoonni isaanii, akkasumas hoogganoonni mootummaa federaa fi ka mootummaa naannoo Oromiyaa argamanii jiran.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Sirna Awwaalchaa Abbaa-qabeenyaa Oromoo Beekamaa Kabir Huseen Waaqoo Har’a Magaalaa Adaamaatti Raaw’atame
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:43 0:00


XS
SM
MD
LG