Itiyoophiyaan eega weerarri COVID 19 biyyattii seenee as guyyoota lamaan dabran, guyyaatti lakkoobsa namoota vaayirasichaan qabamanii ol’aanaa galmeessisuu ishee tii booda, lakkoobsichi dabalaa jira.
Kaleessa lakkoobsa namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’ee 88 galmeessiste, Itiyoophiyaan.
Ministiriin Eegumsa Fayyaa Itiyoophiyaa, har’a immoo lakkoobsi namoota Vaayirasichaan qabamanii 73 tahuu beeksisee jira. Lakkoobsi namoota vaayirasii Koronaan qabaman akkas dabaluun, uummanti qajeelfama of irraa ittisaa bahe hojii irra oolchuutti dhibaa’uu irraa madde – jedhu, ogeeyyiin fayyaa.
Walagumaa-galatti lakkoobsi namoota Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasii Koronaan qabamuun isaanii mirkanaawee 655 gahee jira – jedha – gabaasaan VOA, Mesfin Arraagee Desee irraa.