Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Laga Xaanaa Irratti Aramaa Biqile Dhabamsiisuu Sababaa COVID-19 Danqame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Laga Xaanaa irratti kan uumame aramaa Inboc jedhu dhabamsiisuuf hanga ammaatti furmaati argame humna namaa ti jechuu dhaan daayrikterri ol aanaan Ejensii dhimmootii bishaanii fi kan laga xaanaa beeksisaniiru.

Akka filmaataatti kan dhiyaatan malli ka biroon yaalii dhaan ilaalamanii furmaata waariinsa qabu hin fenne jedhu daayrikterri ejensii kanaa Dr. Ayyaaleew Wendee.

Ejensichi wagga kana hanga Waxabajjii 30tti Xaanaa inboc irraa qulqullaa’e agarsiisuuf karoorfatus hamma walakkeessa waggaatti kan inni hojjete dhibba irraa harka 50 qofa.

Walakkeessa wagga booda garuu sababaa weerara vaayiresii koronaan kan ka’e hojiin hin hojjetamne jechuu dhaan daayirkterichi ibsuu isaanii Asteer Misgaanaaw gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG