Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Minisootaa Magaala Minniyaapoolisitti Geggeeffamu Itti Fufeera


Mormiin Minisootaa Magaala Minniyaapoolisitti Geggeeffamu Itti Fufeera
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:57 0:00

Minniyaapolis keessatti lammiin Ameerikaa hidda dhalata Afrikaa ta’e Joorji Flooyid to’annaa poolisii jala odoo jiruu lubbuun isaa dabarte.
👉Maaltu ta’e?
Viidiyoon waraabbame akka agarsiisutti erga Joorji to’annaa jala oolee booda poolisiin adiin jilba isaan morma Joorji irra ejjete
Joorji “I can’t breathe” jechuuniis “Afuura baafachuu dadhabe” jedhus poolisichi miila irraa in kaafanne.

Booda Joorji dubbii dadhabe.
Baatanii ambulaanisii korsiisan. Buufata fayyaa gahee yeroo muraasa keessatti lubbuun isaa darbuu poolisiin magalitti ifa godhe.
Oduun kun dhagahamee battaluma jiraattoonni magaalittii baayyeen mormiidhaa karaatti bahan. Hiriirri Hojjaa-duraa jalqabe amma Roobii kaleessatti itti fufe.
Poolisoonnii yeroo manneen gubatan irraa abidda dhaamsan mullteera. Suuqiiwwaan naannoo san jiran keessaa meeshaan hatamuunis gabaafamaa jira.

XS
SM
MD
LG