Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Naannoo Amaaraa Deggersa Mootummaa Federaalaa Gaafatee Jira


Mootummaan bulchiinsii naannoo Amaaraa daangaa Sudaaan waliin qabu to'achuuf yaalii gochaa jiruun mootummaan Federaalaa deggersa akka godhuuf gaafatee jira.

Naannoo Amaaraaf itti aanaa prezidaantii kan ta'an Dr. Faantaa Maadafroo raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti daangaa biyyoota lameenii irratti karaa 19 daangaa ce'anii gara bulchiinsa naannoo Amaaraa naamoota seenan kuma hedduu kana sababaa vaayrasa oo Koronaaf adda baasanii kaa'uun rakkisaa ta'eera jedhu.

Naannoo daangaatti waaltaaleen namoota adda baasanii keessa ka'an hundumtuu waan guutaniif jecha ammaan booda namoota kan hin simannee ta'u ibsan.

Dheerinni lafaa kan sudaan bulchiinsa naannoo Amaaraa waliin wal daangeessu kiloo meetra 400 ta'u ragaaleen ni agarsisuu jechuun Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG