Xurree ittiin seenan

Breaking News

Harka Poolisiitti Du’uu Joorj Filooyid Mormuun Hiriirri Guutmmaa Ameerikaa Keessatti Ka’e Ittuma Fufee Jira


Du’a gurraacha lammii Ameerikaa, Joorj Filooyid irratti aarii fi mormii jabaa Yunaayitid Isteetis keessatti ka’een Dilbata kaleessaas guyyaa ja’affaadhaaf, hiriirtonni daandiilee magaalaa biyyattii dhuunfatanii oolfan. Jijjiramni akka biyyattii keessatti ta’u gaafatan hiriirtonni kun.

Gama biraatiin Los Aanjeles, Chikaagoo, Maayaamii, Filaadelfiyaa dabalatee magaalaalee 40 guutummaa Yunaayitid Isteetis keessatti akka hiriirtonni eega dukkanaa’ee booda daandiileetti hin baane uggurri sochii sa’atiin ugguru kaa’amee jira. Bulchoonni kutaalee Verjiiniyaa fi Teksaas immoo labsii yeroo muddamaa labsan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Harka Poolisiitti Du’uu Joorj Filooyid Mormuun Hiriirri Guutmmaa Ameerikaa Keessatti Ka’e Ittuma Fufee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:30 0:00


XS
SM
MD
LG