Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Tramp Jeeqama Ka’eef Deebii Kennuuf Waardiyaa Biyyoolessaa Bobbaasan


Prezidaant Doonaald Traamp hiriira mormii Minnesota keessatti geggeessamaa tureef gara hookkaraatti jijjiirameef deebii kennuu dhaan hojii gaarii hojjete jechuun waardiyyaa biyyoolessaa galateeffatanii jiran.

Hookkarri magaalaalee US hedduu erga raasee booda ergaa twiiterii kaleessa maxxansaniin Tramp, garee farra loogii sanyii “ANTIFA” ofiin jedhan hoogganantu jeeqama uume jedhan.

Demokraatonni kanneen magaalaalee fi kutaalee biyyaa bulchan leellistoota Minniapolis keessatti jeeqama uuman kanatti fuuleffachuu qabu jedhan. Waardiyyaan biyyoolessaas hojii gaarii hojjete jechuu dhaan utuu yeroon hin darbin kutaalee biro keessattis akkas ta’uu qaba jedhan.

Tramp US garee “ANTIFA” akka dhaaba shororkeessaatti ni fudhatti jedhan. Daayiritera projektii nageenya biyyoolessaa kan waldaa walabummaa sivilii Ameerikaa Hiinaa Shaamsii akka jedhanitti garee biyya keessatti hundaa’e akkasitti adda baasuuf bu’uurri seeraa hin jiru. Kana gochuuf adeemsa seeraa hedduu gaafata, heera biyyaa isa jalqabaa irra taa’ee kan jiruu walabummaan yaada ofii ibsuu isa jedhus balaa dha jedhan.

Washington dabalatee magaalaalee Ameeikaa 25 kutaalee biyyattii 16 keessatti uggurri sa’aa kaa’amee jira. Tramp hoogganoota kutaalee biyyaa, angawoota humnoota naga eegumsaa fi angawoota nageenya biyyoolessaa waliin viidiyoo dhaan konferensii geggeessaniin nageenya hawaasaalee Ameerikaa eeguu kan jedhu irratti mari’achuu jiru.

Mormiin halkan walitti aansuuf geggeessamaa jiru bakka jireenyaa prezidaant Trampitti illee dhiyaatee jira. Poolisoonni ennaa hojjettoonni ibdidda dhaamsan waltajjii Lafayeetti jedhamutti kan argamu mana sagadaa St. Joonsiti ibidda qabate dhaamsanitti hiriirtota waliin walitti ba’anii jiran. Waldaan sun Fuullee White Housitti argama. Ibsaan fuullee white House fi waajjiraalee fuullee kaleessa galgala dhaamaa turan.

Sabaa himaaleen akka gabaasanitti jimaata galgala hojjettoonni tajaajila biyyaa Traampiin of eeggannoof jecha yeroo gabaabaaf White Housitti kan argamu bakka lafa jalaatti geessanii jiran.

Dubbi himaan White House gabaasa kana ilaalchisee gaaffii VOA biraa dhiyaateef deebii hin kennine.

XS
SM
MD
LG