Xurree ittiin seenan

Breaking News

Siidaan Giiftii Viktooriyaa Waggoota Shan Dura Bakka Turee Kaafamuun Keeniyaa Keessatti Gammachuu Haaraa Uume


Kan sirna koloneefattummaa Briteen yaadachiisu siidaan giivitii Viktooriyaa keenyiyaa keessaa kaafamuun waggoota hanga tokko booda gammachuun simatamaa jira.

Bara 1963 Keeniyaan bittaa Briteen jalaa utuu hin walaboomiin dura kan turan siidawwan hedduu caalaa yeroo dheeraaf dhaabatee kan ture Siidaan giiftii Viktooriyaa ti.

Siidaan sun waggoota shan dura erga jaarraa tokko oliif bakka biqiltuu Jeevanjee keessa dhaabatee dura mataan irraa gatamee bosona naannoo jirutti darbame.

Jiraataa Naayiroobii kan ta’an Saamu’eel Obi’eeroo siidaan sun achii kaafamuutti gammaduu dhaan lammiiwwan yeroo mara mallattoo sirna koloneeffattummaa fi gabrummaa yaadachuu hin barbaadu jedhan.

Addunyaa irraa siidaawwan loogii sanyii fi garbrummaatti hidhata qaban bakka dhaabatanii kaafamaa jiran. Dhiibbaan kunis erga Joorj Filooyiid lammiin gurraacha Ameerikaa baatii darbe poolisiin adii daqiiqaa sagaliif morma isaa irra jilbaan dhaabatee du’ee booda hammaate.

Pooliisiin sun yakka jjeechaan himatamuun hidhamee jira. FBIn dhiittaan mirga namaa raawwatamuu isaa qorataa jira. Poolisoonni sadii bakka sana turaniis deggersa godhan jechuun himatamanii to’annaa jala jiru.

XS
SM
MD
LG