Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sidaamaan Bulchiinsa Naannoo Itiyoophiyaa 10ffaa Taate


Gumiin bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa har'a Sidaamaatti aangoo dabarsee kennuu dhaan bulchiinsa naannoo haaraa 10ffaa ta'u beeksisee jira.

Baatii Sadaasa darbee gaafa kudhanii mirga hiree murteeffannoo Sidaamaaf sagalee uummatichi kenne dhibba keessaa harka 98 oliin Sidaamaan bulchiinsa naannoo haaraa akka taatu taatuu murteessan.

Anngoo kana af-yaa'ii mana maree naanoo kan ta'an Aaddee Heleen Dabbabaa harkaa kan fudhan af-yaa'iin mana maree godiina Sidaamaa Obbo Solomoon Laalee maqaa uummata sidaamaan gammachuu qaban ibsiin galata dhiyeessan.

Gumiin kun har'a walgahii gaggeesseen ittisa vaayrasii koronaa irratti kan dubbatee ta'u fi bajata dabalataa ramaduu isaa Yonaataan Zabdiwoos gabaasee jira.

Sidaamaan Bulchiinsa Naannoo Itiyoophiyaa 10ffaa Taate
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00


XS
SM
MD
LG