Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidant Doonaald Traamp Ajaja Sadarkaa Ol Aanaa Dabarsan


Manni nyaataa Atlaantaa Joorjaa keessa jiru kun torban bakka namni gurraacha ta’e Rayshard Brooks poolisii adiitiin itti dhukaafamuun ajjeefame. Manni nyaataa kunis hiriirtota mormiin gubate.

Prezidant Doonaald Traamp Ajaja Sadarkaa Ol Aanaa Dabarsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:00 0:00

Muddamni akkasii erga lammiin Ameerikaa gurraacha ta’e Joorj Floyid Miniyaapolis Minesootaa keessatti baatii darbe ajjeefamee as torbanneen hedduuf guutuu biyyattii kan raase yoo ta’u hookkara fi loogii sanyii poolisiin uunnamata adii hin taane irratti oofu mul’isa.

Humnoota nagaa eegsisaniin marfamuu dhaan prezidaant Doonaald Traamp Kibxata kaleessa ajaja sadarkaa ol aanaa kan haala poolisii ilaallatu mallatteessan. Poolisoonni hojii gaarii hin taane hojjetan kun xiqqoo dha.jijjiiramni akka ta’uuf gaafatame hojii poolisoonni gaariin hojjetan miidhuu hin qabu jedhan.

Bajata poolisiif ramadame gara hojii kan poolisii hin ta’iin nagummaa hawaasaa eegsisuu kan akka tajaajila hawaasaatti akka darbuuf gaaffii dhiyaate fudhatama dhabsiisan. Lammiiwwan Ameerikaa seeraa fi seerata barbaadu. Jechuu dhiisuu malu, waa’ee isaa dubbachuu dhiisuu malu, garuu kan isaan barbaadan sana. Hangi tokko waan barbaadan illee hin beekan, garuu kan isaan barbaadan kana jedhan Tramp.

XS
SM
MD
LG