Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Caban Okkolan Jennee Dhiifne. Eebba Baranaa Abbuma tu Akka Ixaanaatti Mana Ofiitti Aarfate: Jecha Barataa Yunivarsitii Irraa Eebbifame


Yunaaytid Isteetes keessatti faca'iina Vaayirasii Koronaa ittisuuf jecha tarkaanfilee fudhataman keessaa tokko manneen barumsaa cufanii akka barattonni sadarkaa adda addaa mana ofii keessaa karaa marsaa interneetii yokaan online baratan taasisuu ture.

Barnootni akkaataa kanaan itti fufee, sirna eebbaa barattootaas akkasuma meeshalee interneetii ammayyaa irratti daw'achuu qofaan gaggeffamaa jira.

Deemsi barnootaa mana taa’anii fagootti hordofuu maal fakkaata? Barattoota sadii kanneen barana eebbifaman Intisahaar Faahmii Adam mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Freendly Minisootaa irraa akkasumas barataa Boonsaa Kamaal Yunivarsitii Augsbarg kan kutaa Minisootaa irraa dubbifnee jirra.

Hawwii Zelaleem Dastaa immoo Kaaliforniyaa magaalaa Saan Hosee keessa kan jiru mana barumsaa sadarkaa lammataa Indipeendant jedhamu irraa yaada isaanii nu kennanii jiru. Caqasaa.

Akka Caban Okkolan Jennee Dhiifne. Eebba Baranaa Abbuma tu Akka Ixaanaatti Mana Ofiitti Aarfate: Jecha Barataa Yunivarsitii Irraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:32 0:00


XS
SM
MD
LG