Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartii Haaraan Bilisummaa Tigraayiif Qabsaa’u Hundeeffame


Tigraay keessatti Paartiin Tigraayiin biyya akka taatuuf karaa nagana qabsaa’u hundeeffamuun gabaasame.

Paartii bilisummaa Tigraay jedhamee kan waamamu paartiin kun sambataa fi dilbata darbe gumii hundeeffama isaa Meqelee keessatti kan geggeesse yoo ta’u sagantaa fi dambii naamusaa raggaasisiuu dhaan dura taa’aa filatee jira.

Akkuma kanaan obbo Girmaay Berihee dura taa’aa paartichaa obbo AlemSeged Aregaay itti aanaa dura taa’aa obbo Mehaarii Yohaannisiin immoo itti gaafatamaa dhimmootii siyaasaa ta’uun filatamaniiru jechuun Mulugeta Atsbeha gabaaseera.

XS
SM
MD
LG