Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraa Keessatti Lakkoobsi Namoota Koviid-19 Qabaman Dabalee Jira


Kutaa Gaash Baark keessa kan jiru waaltaalee namoota adda baasanii ka'an lama keessatti namoonni 55 haaraa vaayrasii koronaan qabamuun gabaafamee jira.

Kunis Sambataa fi Dilbata darbee kana qorannaa laaboraatorii gaggeeffameen yoo ta'u 54 Sudaan irraa deebi'anii waaltaa Addi Baraa keessa kan turan tokko immoo Itiyoophiyaadhaa deebi'ee waaltaa Molqii jedhamtu keessa turan.

Sochiin imalaa biyyaa gara biyyaatti godhamu kan dhorkame ta'uus galaanaa fi konkolaataan baatilee darban keessa lammiwwan Ertraa 7158 Itiyoophiyaa, Sudaan, Jabuutii fi Yaman irraa Ertraatti deebi'uun ibsameera.

3135 waaltaalee adda baasanii ka'aman 37 keessa kan jiru.Haga ammaatti Ertraa keessatti Koviid-19n kan qabaman 96 yoo ta'an 39 dhukkubicha irraa bayyanatanii kan ba'an 57 immoo hospitaala keessatti wal'ansa argataa kan jiran ta'u Birhana Berhee Asmaraa irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG