Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaalee Oromiyaa Lixaa Adda Addaa Keessaa Namoonni Hedduun Hidhamuu Dubbatu Maatii fi Jiraattonni 


Gimbii, Wallaga Lixaa
Gimbii, Wallaga Lixaa

Abbaan Warraa koo waan ilaalcha siyaasaa isaan hidhameef, ijoollee keenya jiraachisuun natti ulfaateera” jedhan, jiraattuun magaalaa Naqamtee Aadde Fireezar Massala.

“Abbaan Warraakoo kanaan duras mana hidhaa keesaatti Humnoota nageenyaa mootummaan waan reebameef dhukkubsatee ture” jedhu Aadde Fireezar. Calluma jedhanii hidhuurra yoo yakkaa qabaate seeraan haa gaafatamu, bilisa yoo tahe immoo haa gadhiifamu” jedhu.

Abbaa Warraa isaaniin ala namootni 70 caalan, gaaffii tokko malee erga hidhamanii baatiin tokko darbuu himan Aadde Fireezar.

Haaluma wal-fakkaataan, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruufi Godina Wallagga Lixaa magaalaa Gimbiitti akkasuma namootni hidhamuu dubbatu , jiraattota keessaa. .Komii hidhaa bakka garaa garaafi deebii aanga’oota mootummaarraa arganne walitti qabuun gabaasaa qindeessine caqasaa.

Magaalaalee Oromiyaa Lixaa Adda Addaa Keessaa Namoonni Hedduun Hidhamuu Dubbatu Maatii fi Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00


XS
SM
MD
LG