Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booranatti nama 200 oliitti hidhaa jiraa Abbaan Gadaa Eegerii, Raabaa-Dooriin Booranaa Jaldeessa Guyyoos hidhamee bahe: Jiraattota


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Jiraattonnii akka jedhanitti Oromiyaa Kibbaa Booranaa aanaalee gammoojii fi daangaa irraa jiran keessaa humnoon mootummaa maqaa nagaa kabachiisuu namoota baayee hidhaa jiruu jedhu jiraattonni.

Jiraataan Godinichaa maqaan isaanii akka eeramu hin feene tokko yoo dubbatan, tarkaanfii kana ka fudhataa jiru miseensota humna addaa poolisii Oromiyaa fi Raayya Ittisa biyyaa ta’uu dubbatanii kanas ka fudhataa jiran warra maqaa waraana bilisummaa Oromoon naannoo keessa socho’u to’achuuf kana raawwataa jiruu jedhu.

Booranatti nama 200 oliitti hidhaa jiraa Abbaan Gadaa Eegerii, Raabaa-Dooriin Booranaa Jaldeessa Guyyoos hidhamee bahe: Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:40 0:00

Akka jiraataa kanaatti hidhaan Godina Boorana keessatti torban lamaa as gaggeeffamaa jiruu ka duraarraa adda.

Dr,Jadeessa Guyyoo Kunee (Galgaloo Guyyoo Kunee) nama gosa Booranaa Koonnituuf abbaa gadaa tahee filame. Yeroo Gadaan Booranaa kan ammaa Baallii kennee Baallii fuudhuuf qophii. Kalaeessa wabiin gadi dhiisan.

Warri hidhamaa jiru warra waajjira mootummaa keessaa hojjatu, poolisoota naatoo sabaa qaban, hojjetoota nami jaallatu, hunda warra kana hidhaa jiruu jechuun haala jiru ibsu.

Marsaa Gadaa takkaan duuba ka baalli fudhatu, Dookter Jaldeessi waan bulchitoota Godina Booranaa qeeqeef hidhamee jedhu jiraattonni. Jiraataan tokko ka waan hidhaa Abba Gadaa Jaldeessa beekan, “Guyyaa muraasa dura warri bulchiinsa godina Booranaa aanaa Waacillee dhaqan waan omishaa dubbatan, inniilleen aanaan Yaaballoo omisha kaan qabdi isheenillee xiyyeeffannaa feeti’ jedhee fuula feesbuukiirratti barreessinaan warri Godinaa hidhan” jedhu.

Akka jiraattonni Yaa’a Ballo dubbatanitti Raaba/Luba Gadaa Jaldeessa Guyyoo Guyyaa afurii ol mana murtii adoo hin dhiyaatin hidhaa ture.

Jiraattonni Godina Booranaa Sagalee Ameerikaaf waan hidhaa dhiyeenya godinicha keessatti raawwatamaa jiru dubbatan, nami hedduun hidhamuu malee mana murtiif akka hin dhiyaanne, warra mana hidhaa bakka adda addaa jiru irrattis ammoo qaamoleen nageenyaa sarbama mirga namoomaa geessisaa jiru jedhu.

Keessumaa warri Aanaa Dhaasitti shakkamee hidhaa jiru kaan ni tumama, kaan ammoo jilgeenfachiisanii lafarra deemsisuu jedhu firoottan namoota hidhaa jiranii.

Jiraataan Aanaa Dhaas ka firri isaa nami afur Goorilletti hidhamuu dubbate, humni naga kabachiiftota mootummaa firoottansaa hidhaa jiran akka reeban, jilba qullaas akka lafarra daa’imsiisan dubbate.

Obbo Jaarsoo Boruu hoogganaa waajjira dhimma nageenya Godina Booranaati. Waan nageenya Boorana keessa jiru yoo gaafatamanii deebisan, dhiyeenya qaamni hidhatee godinicha keessa socho’u Aanaa Dhaas keessatti balaa erga geessisee as mootummaan tarkaanfii fudhataa jiraachuu dubbatu.

Obbo Jaarsoon duula kana bulchiinsa godina Booranaatu gaggeessa warri to’annoo jela ooles sirnaan qoratamee mana murtiif dhiyaataa jira jedhan.

Garuu jiraattonni keessumaa warri Aanaa Dhaasi fi Mooyyaleetti hidhamee jiru reebicha fi dararaan firoottan isaanii harka poolisii jiran irra gahaa jiraachuu himatuu kanaaf deebii maal qabduu jechaan gaafatamanii yoo deebisan, ‘Hagan beekutti nami to’annaa jela oole mirgi namummaa isaa sarbame hin jiru, qorannaan sirnana gageeffamaa’ jechuun deebii kennan.

Dhumarratti Obbo Jaarso Boruu ka dubbatan waan hidhamuu Luba Gadaa Jaldeessa Guyyooti, ObbaJaarsoon Raaba/Luba Gadaa Jaldeessa Guyyoo shakkiin hidhamuu eeranii kaleessa qorannoo gaggeessinee bilisa taanan yaayyu lakkisnee jechaan VOA’f himanii jiru.

Booranatti lakkoofsi namoota amma hidhaa jiran hagam ta’aa jennaan Obbo Jaarsoon odeeffannoo namoota hidhaa jiranii ammaaf harkaa akka hin qabne dubbataniiru. Jiraattonni garuu namootni Godina Booranaa keessatti hidhaman haga yoonaa 210 caalaniiru, kaan utuu adda baafamanii lakkoosi kun 600 gahuu mala jedhu

XS
SM
MD
LG