Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Keessaa Lakkoobsi Namoota COVID-19n Qambamanii Miliyoona Lamaa Ol Ta’e


Yunaayitid Isteetis keessaa lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii miliyoona lamaa ol ta’uun beekamee jira.

Marsariitii waaltaa qorannaa Yuniversitii Joons Hoookins irratti akka maxxanfametti Yunaayitid Isteetis keessaa yeroo ammaa lakkoobsi namoota COVID-19n qabamanii miliyoona lamaa fi 464 yoo ga’u kanneen 112,924 du’anii jiru.

Torban kana Kutaalee biyyattii 21 keessatti lakkoobsi namoota COVID -19n qabamanii akkaan yoo dabalu, kan akkaan keessatti heddummaate kutaa gama dhiyaa fi kibba gama dhiyaa Arizoonaa, New Meeksiikoo, Teeksaasii fi Yutaa dha.

Lakkoobsi kun ol ka’uun kan dhaga’ame torbanneen dhiyoo as sababaa vaayiresii koronaan kan ka’e uggurri sochii kaa’ame laaffachuu isaa akkasumas ayyaana goototaa ilaalchisuun namoonni boqonnaa ba’uu waan jalqabaniif jecha.

Lakkoobsi kun haaraa ol ka’uun angawoonni Kaalifoorniyaa veestivaalii muuziqaa fi aartii beekamaa baatii Onkoloolessa keessa geggeessamuuf ture akka hambisaniif sababaa ta’e.

Sababaa du’uu Joorj Filooyidiin kan ka’e hiriirri mormii namoonni walitti siqeenyaan geggeessanis lakkoobsa kana ol kaasuu danda’a yaaddoo jedhu qabaachuu isaanii hayyoonni ibsanii jiran.

Hanga galeessa galgalaatti addunyaa irraa namoonni 7,360.239 COVID-19n yoo qabaman 416,201 ta’an immoo du’aniiru.

XS
SM
MD
LG