Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Dhimmootii Hiriirtonni Mormii Dhiyeessan Ilaalchisee Tarkaanfii Fudhachuuf Itti Yaadaa Jiran


Prezidaant Doonaald Traamp har’a Dalaas keessatti hoogganoota amantii angawoota seera eegsisanii fi abboota qabeenyaa daldalaawwan xixiqqoo waliin wal arguuf jiru. Du’uu Joorj Filooyiidiin wal qabatee mormii guutuu biyyattii raase ilaalchisees deebii kannuuf jiru.

White House akka jedhetti mariin sun furmaata dhimmi dinagdee, eegumsa fayyaa fi haqi jal’achuu hawaasa Ameerikaa gidduu jiru irratti fuuleffata.

Dubbi himtuun White House Kayleigh McEnany /keelii Mekinenii/ tuuta oduuf kaleessa ibsa kennaniin wixineen seeraa paartilee lamaaniin qophaa’ee fi ajaji dadarkaa ol aanaa hojii irra akka ooltu yaada keessa galchamee jira, bulchiinsi Traamp guyyoota dhufan keessa ifa gochuuf jira jedha.

Wixinee Tramp hin deggerre keessaa tokko dahata seeraa kan humnootii nagaa eegsisuu akka hin himatamne gargaaru.

Hoogganoonni dimokraatota mana maree bakka bu’ootaa seerri akkaataa hojii poolisii akka jijjiiramu yoo gaafatan kunis poolisiin balleessaa hojjeteef akka itti gaafatamu of keessaa qaba. Kan Ripaablikaanotaan dhuunfatame senetiinis wixinee ofii qopheessee turban dhuftu dhuga ba’umsi koree murtii seeraa duratti dhaggeeffatamuuf jira.

XS
SM
MD
LG