Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayrasii Koronaa To'achuuf Naannoo Daangaatti Maaltu Hojjatamaa Jira?


Dr. Darajjee Dhugumaa

Faca'iina dhukkuba Koviid-19 ittisuuf jecha naannoo daangaa Itiyoophiyaatti waaltaalee namoota adda baasanii keessa ka'an mootummaan dabalataan kan qopheessuu ta'u Ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa hojjataa akka jiru ibsamee jira.

Dr. Darajjee Dhugumaa Dirree Dawaa keessatti oduu gabaasaa raadiyoo sagalee Amerrikaaf akka ibsanti waaltaalee kana jajjabeessanii ka biraas itti dabaluuf akkasumas to'annaa daangaa irraa cimsuuf michoota keenya kan sadarkaa addunyaa waliin hojjataa jirra jedhan.

Mootummonni bulchiinsa naannoo adda addaa deggeersa kanaaf iyyataa turuun ni yaadatama jechuun Addis Chekol Dirree Dawaa irraa gabaasee jira.

Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG