Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Yunaaytid Isteetes Keessaa Har'as Itti Fuufa Jedhame


Yunaaytid Isteetes Atlaantaa keessatti Jimaata darbee namnii Rayshard Brooks jedhamuu harka polisiitti du'uun gabaafamee jira. Jorjiyaa keessatti mormiitonni Wiixata har'a galgala mana maree kutaa duratti hiriiruun murtiin haqaa kan yakka rawwatamee akka jijjiramuu fi rakkoo filannoo biyyatti mudatee jedhan irratti gaaffii dhiyeesuuf jiru.

Gocha gara jabinaa polisiin gaggeeffamuu fi loogii jiru mormuun Atlaantaa fi Waashingtan dabalatee magaalaalee hedduu keessatti hiriirri gaggeeffamuuf jira.

Kana malees Wiixata har'a kaawunsiliin mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummootaa dhiittaa mirga dhala namaa gosa irratti hirkate dhaqqabaa jiru irratti Robii dhufu falmii hatattamaa gaggeesuuf har'a walii galee jira.

Dilbata kaleessaa Waashingtan, Neewyork,Loosaanjalas, Atlaanataa, Maayaamii dabaalatee magaalaalee hedduu keessatti hiriirrii mormii gaggeeffamee jira.

XS
SM
MD
LG